Every events in our corporation will always be displayed here, you can read by clicking on 'Read more' link down for more detail.
Duula Ashaaraa Magariisaa Bara 2012... 07/08/2011
Hojjattoonni Korporeeshiniin Misooma Paarkiwwan Industirii Oromiyaa duula Ashaaraa Magariisaa bara 2012'n dhaabbii biqiltuu Yaadannoo Artisti Haacaaluu Hundeessaa Magaalaa Hoolataa iddoo biqiltuu dhaabbiif kennameefitti Adoolessa 14 bara 2012 gaggeessanii jiru.Biqiltuu dhaabbate kanas hanga qabatutti akka kunuunsamuu qabu irratti waliigaluun kan hojjatameedha.Duula Ashaaraa Magariisaa bara 2011 tin biqiltuu dhaabbates waggaa guutuu kunuunsuun %80 ol akka qabatu taasiseera....


Capacity building trainning has been given... 07/08/2011
Korporeeshiniin Misooma Paarkiwwan Industirii Oromiyaa /KMPIO/ erga hundeeffamee kaasee angoo fi gahee hojii itti kenname galmaan gahuuf hojjachaa jira. Hojiin gahee isaa bahuuf dursi kennameefii hojjachuu qabu immoo hojii dandeettii raawwachiisummaa cimsachuuti. Dandeettiin raawwachiisummaa kan cimu immoo humna namaa guuttachuu fi gahoomsuun yoo hojjatameedha. Haaluma kanaan, hojjatoota haaraa qacaramanii fi dura turaniif leenjii ogeessota qaamolee adda addaa irraa affeeramaniin mata dureewwaan leenjii:-...
- Maalummaa fi Barbaachisummaa Paarkiwwan Industirii fi Kilaastaroota Maanufaakchariingii,
- Change Management
- Performance Management
- Dhimmoota Naamusaa
- Qajeelfama Bulchiinsaa fi Misooma qabeenya namaa hojjatoota korporeeshinichaa dhiirota 30 fi Dubartoota 6 walitti hojjattoota 36f leenjiin kennamee jira.

Staff Visited BIAIP construction... 07/08/2011
Hojjattoon KMPIO daawwannaa PIQQ Bulbulaa,GCB Shaashamannee, WKOQ kofalee fi PIQQ Yirgaalam gaggeessuun sadarkaa hojiin ijaarsaa pirojaktoota kanneenii irra jiru ilaalanii jiru.Daawwannaa kanaan hojiiwwan ijaarsaa PIQQ Bulbulaa fi GCB Shaashamannee yeroo gabaabaa keessatti eegalamanii sadarkaa kanarra gahuun isaanii kan nama jajjabeessu ta'uu isaa fi haala kannan ciminaan itti fufuun yeroo kaa'ameef keessatti xumaramanii galmoota kaa'amaniif bira gahuun akka danda'amu hubatamee jira....
Yeroo ammaa kana sadarkaan hojii ijaarsaa PIQQ Bulbulaa fi GCB Shaashamannee irra jirus kan abdii guddaa namatti horu ta'uu isaa hojjattoota daawwannaa kana gaggeessaniin ibsamee jira.Kanaaf,uummanni Oromoo hundi keenya ce'umsa deenagdee qonnarraa gara industiriittii godhamaa jiru kana milkeessuuf ijaarsa PIQQ fi GCB Oromiyaa keessatti hojjatamaa jiru kanaaf tumsa barbaachisaa nurraa eegamu akka baanu waamicha keenya dabarsina.


